Skip to main content

Odeeffannoo fi Tajaajila Balaa’amaa Gatamaa

Yoo Kiing Kaawuntii jiraattan yookan hojjettan ta’e, isinii fi naannoo keemikaalota summaawaa irraa eeguuf, akkamii fi eesssatti balfaa fi meeshaalee summaawaa ta’an gatuu akka dandeessan, tajaajila mijataa ni kennina.

a mother and son in a grocery store aisle

Oomishalee Summaawoo Beekamoo

Oomishalee summaawaa kan itti hin fayyadamin hafan, dullooman, ykn kan hin barbaadamne olkaa’uun baayyee hamaadha. Yoo iddoo gataa balfaatti gataman ykn bo’ootti naqaman, namootaa fi naannoo miidhuu danda'u. Asxaa oomishaa dubbisuudhaan oomishalee summaawaa adda baafachuu dandeessu. Oomishaleen summaawoo asxaa kan jechoota danger (Balaa qaba), poison (summii), warning (akeekkachiisa), ykn caution (of-eeggannoo) of keessaa qabu qabaan.

Icon of bottles with the EPA Safer Choice logo and Cradle to Cradle logo

Baayee Nagaa

Oomisha fuuldura yookaan duuba irratti asxaawwan kanneen qaban ilaalaa.

Maaloo yaadadhaa: Oomishoota EPA Safer Choice ramaddii isaanii kessa kan baayyee nagaa qabanii dha, yoo CAUTION (OF-EEGGANNOO) jedhamee itti mallatteffamee illee.

Icon of a bottle that does not have the words caution, warning, danger, or poison on the label

Nagaa ga’aa

Oomisha jechoota CAUTION (OF-EEGGANNOO), WARNING (AKEEKKACHIISA), DANGER (BALAA QABA) yookaan POISON (SUMMII) jedhu hin qabne filadhaa.

Icon of a bottle with the words Caution and Warning

Hanga tokko miidhaa qaba

Oomisha jechoota CAUTION (OF-EEGGANNOO) yookaan WARNING (AKEEKKACHIISA) jedhu qaban filadhaa.

Icon of a bottle with the words Danger and Poison

Baay’ee miidhaa qaba - dhiisaa

Oomishawwan jechoota DANGER (BALAA QABA) yookaan POISON (SUMMII) jedhu qaban dhiisaa. Isinii fi maatii keessaniif kan baay’ee miidhaa qabaan dha.

Tartiiba 3 karaa miidhaa malee balfa gatuuf

Staff person wearing protective gear unloads hazardous wastes from the trunk of a car
step 1

Meeshaalee walitti qabaa:

Yoo asxaan danger (balaa), poison (summii), warning (akeekkachiisa), yookin caution (of-eeggannoo) dabalate inni balfa balaafamaa dha.

Tarree wantoota nuti fudhannuu kana ilaalaa.

step 2

Awwaaluudhaaf qopheessaa:

Meeshaalee qaboowwan isaanii duraa keessa ka’aa, oomisha asxaa hin qabne irratti barreessaa, akkasumas akka hin yaane ykn hin dhangalaane mirkaneessaa. Meeshaalee kanneen, konkolaataa keessan keessa, kutaa namaa irraa fageessaa kaa’aa.

step 3

Buusaa:

Meeshaalee keessan gara giddu-gala gata balfa summaawoon itti awwalamutti fidaa. Gatiin isaa kaffaltii tajaajiloota bu’uura jireenyaa irratti waan dabalamuuf kaffaltii hin qabu.

Giddu-gala balfaa itti gatan isinitti dhihoo ta’e argadhaa

  • North Seattle
    Dilbata – Kibxata

    12550 Stone Ave N Seattle, WA 98133
    9:00 a.m. - 5:00 p.m.

    Adoolessa 4, Guyyaa ayyaana Galata Galchaa, Guyyaa Ayyaana Qillee, fi Guyyaa Bara Haaraa irratti ni cufamaa.

  • South Seattle
    Kamisa - Sanbata xiqqaa

    8100 2nd Ave S Seattle, WA 98108
    9:00 a.m. - 5:00 p.m.

    Buufata dabarsaatti aaneetu argama.
    Adoolessa 4, Guyyaa ayyaana Galata Galchaa, Guyyaa Ayyaana Qillee, fi Guyyaa Bara Haaraa irratti ni cufama.

  • Factoria
    Kibxata - Jimaata, Sanbata xiqqaa fi Dilbata

    13800 SE 32nd St. Bellevue, WA 98005
    8 a.m. – 4 p.m. (Kib - Jim), 9 a.m. – 5 p.m. (San. xiqqaaDilb)

    Faasiiliitin Factoria buufata dabarsaatti aaneetu argama. Guyyaa ayyaana Galata Galchaa, Guyyaa Ayyaana Qillee, fi Guyyaa Bara Haaraa irratti ni cufama.

  • Auburn
    Sanbata xiqqaa - Dilbata

    1101 Outlet Collection Way, Auburn, WA 98001
    Sa’aatii 10:00 hangaa sa’aatii boodaa 5:00

    Iddoon Auburn Wastemobile waggaa-guutuu dhuma torbanii irratti banaadha. Bakka kanatti Boba’oowwan galaana irraa fudhatama hin qabani.
    Bakki kun Adoolessa 30, Muddee 1, Muddee 28-29 cufama.


Wastemobile - Tajaajilla Balaa'amaa Gatamaa Imalu


Tajaajilli bilisaa walitti qaba balfaa kun, Kiing Kaawuntii keessa hawaasota filataman irra deemuun, jiraattotaa fi daldala xixiqqoof, balfa summaawoo isaaniif iddoo mijataa ni kennu.

 

Yeroo Wastemobile, tajaajilli balaa’amaa gatamaa maatii kaasuu imalu, hawaasa cinaa keessanii bira dhaqu beeki.

Graphic of a green car at a Wastemobile event

Sagantaa Funaannii Manaa

Umuriin keessan waggaa 65 fi isaa olii, ykn nama qaama miidhamoodhaa? Yoo konkolaataa hin qabaannee fi bakka iddo walitti qaba balaa’amaa gatamaa hin arganne ta'e, kosii mana keessan akka isiniif kaasnu beellama qabsiisuuf nuu bilbiluu dandeessu. Sagantaan manarra deemuun funaanuu karaa kaffaltii tajaajila bu’uura jireenyaa ta’aniin waan kaffalameef: funaanu yoo dhufne, isin hin kaffalchiifnu.



Akka isinii kaasnu beellama qabsiisuuf, kanaan bilbilaa

206-296-4692

Wiixata – Sanbata xiqqaa, sa'a 9 a.m. hanga 5 p.m. (ayyaanota osoo hin dabalin) turjumaanii gaffidhan ni arggama

 

Daldala Kiing Kaawuntii keessaa Qabduu?

Akkaa abbaa daldalaatti, meeshaalee summaawoo ta’an hojjettoota kee, uummata, ykn naannoo uumamaa irraan miidhaa akka hin geenye, to'achuu fi hoogganun dirqama keessani. Kaffaltii malee, daldaloota ulaagaa guutaniif balfa summaawaa isaanii karaa balaa hin qabneen gatuuf, gargaaruu ni dandeenya. Dabalataanis, bakkeetti dhufuun tajaajila gorsaa ni kennina, malawwan isinii ta’u isinii himna, akkasumas, foyya’insaaf tumsa qarshii ni goona. Tajaajiloonni kunneen hundi, dursanii karaa biilii tajaajila bu’ura jireenyaa ta’an (Bishaan, ibsaa, fi k.k.f) waliin kaffalamaniiru; kaffaltii dabalataa malee dhihaatan.



Barumsa dabalataa argachuufi daldalli keessan ulaagaa guutuu isaa baruuf bilbilaa

206-296-4692

Wiixata – Sanbata xiqqaa, sa'a 9 a.m. hanga 5 p.m. (ayyaanota osoo hin dabalin) turjumaanii gaffidhan ni arggama

Sarara Gargaarsaa Haz Waste

Jiraattonnii fi daldaloonni xixiqqoon, odeeffannoo haala ittiin balfa summaawaa ta’an karaa sirriitiin gatuun danda’amu, akkamiin itti fayyadamummaa oomisha summaawoo ta’an xiqeessuun danda’amu, akkasumas, mata-dureewwan biroo kanaan wal qabatan argachuuf nuu bilbiluu danda’u.

Sa’aatiiwwan

Wiixata – Sanbata xiqqaa, sa'a 9 a.m. hanga 5 p.m. (ayyaanota osoo hin dabalin)

Sarara Gargaarsaa Haz Waste
206-296-4692*

Emeeli
haz.waste@kingcounty.gov

Hootlaayinii Garden

Jiraattonnii fi ogeessonni lafa sirreessuu hootlaayinii Garden irratti bilbiluun, gaaffiiwwan waa’ee biqiltuu manduubee irratti gargaarsa ogeessotaa tolaan argachuu danda’u.

Sa’aatiiwwan

Wiixata – Sanbata xiqqaa, sa'a 9 a.m. hanga 5 p.m. (ayyaanota osoo hin dabalin)

Hootlaayinii Garden
206-633-0224*

Marsariitii
gardenhotline.org

Waa’ee Keenya

Sagantaan To’annoo Balaa’amaa Gatamaa miidhaa oomishoota summaawoo ta’an oomishuun, itti fayyadamuun, olkaa’uun, akkasumas, balfa summaawoo gatuun dhufu hir’isuun, fayyaa uummataa fi qulqullina naannoo uumamaa, Kiing Kaawuntii keessa jiranii eega. Nuti, waliigaltee naannoo kan Kiing Kaawuntii Magaalaa Siyaatil, magaalota 37 biroo dabalatee, gosoota lama, akkasumas, iddoowwan kanaa ala jiran dabalata.

Toora irra turaa

Yeroo Wastemobile ollaa keessan dhufu oduu fi odeeffannoo keenya haaraa argachuuf galmaa'aa. Xalayaan-oduu Ingiliffaan akka ta'u hubadhaa.